ሕወሐት በትግራይ በሚገኘው የመከላከያ ካምፕ ላይ ጥቃት አድርሷል። ሰሜን ዕዝንም ለመዝረፍ ሙከራ አድርጓል። ይህ ሠራዊት ከሃያ ዓመታት በላይ የትግራይን ሕዝብ ሲጠብቅ የቆየ ሠራዊት ነው። በቦታው የሚገኘውም የትግራይን ሕዝብ ከጥቃት ለመከላከል ነው። ሕወሐት ግን እንደ ባዕድና እንደ ወራሪ ሀገር ሠራዊት ቆጥሮ፤ የመከላከያ ሠራዊቱን ለመምታትና ለመዝረፍ ተነሥቷል። በዳልሻሕ በኩልም ጦርነት ከፍቷል።
መንግሥት የትግራይ ሕዝብ እንዳይጎዳ በማሰብ፣ ጦርነት እንዳይፈጠር የትእግሥቱ ጫፍ ድረስ ታግሷል። ጦርነት የሚቀረው ግን በአንድ ወገን ፍላጎት ብቻ አይደለም።
የመከላከያ ሠራዊታችን በኮማንድ ፖስት እየተመራ ሀገሩን የማዳን ተልዕኮውን እንዲወጣ ትእዛዝ ተሰጥቶታል። ቀዩ መሥመር የመጨረሻው ነጥብ ታልፏል። ሀገርና ሕዝብ ለማዳን ሲባል ኃይል የመጨረሻው አማራጭ ሆኗል።
የኢትዮጵያ ሕዝብ ነገሮችን በሰከነ መንፈስ እንዲከታተል፣ በየአካባቢው ሊከሠቱ የሚችሉ ትንኮሳዎች በንቃት እንዲቃኝና ከመከላከያ ሠራዊታችን ጎን እንዲቆም ጥሪ አቀርባለሁ።
Hiwahat kaampii Raayyaa Ittisaa Tigraayitti argamurratti haleellaa raawwateera. Ajaja Kaabaa saamuudhaafis yaalii godheera. Hoomaan waraanaa kun waggaa digdamaa oliif Tigraayiin kan eegaa turedha. Bakka sanatti kan argamus uummata Tigraayiin haleellaarraa eeguifidha. Hiwahaat garuu akk ormaafi weeraraatti lakkaa’ee, Raayyaa Ittisaa kana rukutuufi saamuuf ka’eera. Karaa Dalshahaas waraana baneera.
Mootummaan uummanni Tigraay akka hin miidhamne yaadee waraanni akka hin banamne hamma fiixee obsaatti obseera. Waraanni kan hafu garuu fedhii gama tokkoo qofaan miti.
Raayyaan Ittisaa keenya Koomaandi Poostidhaan hoogganamaa ergama biyyasaa baraaruu akka bahu ajajni kennameeraafi. Tuqaan dhumaa sarara diimaa darbameera. Biyyaafi uummata baraaruuf jecha humni filmaata isa dhumaa ta’eera.
Uummanni Itoophiyaa tasgabbiidhaan haala jiru akka hordofu, tuttuqaa naannoo garaagaraatti uumamuu danda’uu dammaqee akka eeguufi Raayyaa Ittisaa cina akka dhaabbatu waamichan dhiyeessa.